πŸ’’ BEL ACADEMY - Way Maker β˜€οΈ
Qaamaan barachuuf
πŸ‘‰ Buraayyuu TsaaraTsiyoon - 09-42-41-25-00
πŸ‘‰ Jamoo ( Furii ) - 09-44-78-88-88

0942412500 Online class ! Whatsapp akkasumas Telegramn nu dubbisuu dandeessu kanneen biyya keessa hin jirre.

✨ Welcome to BEL ACADEMY! πŸ•―οΈ Learn English easily in Afaan Oromo. Improve your grammar, vocabulary, and speaking skills with clear, engaging, and interactive lessons.

πŸ”” Subscribe, like, comment, and hit the bell icon to get updates, boost your English fluency.

✍ Sabni seenaa guddaa qabu seenaa isaa Addunyaatti himuuf Afaan Addunyaa baruu qaba.

πŸŒ† Magaalaa akka Finfinnee kan Biyyoonni Afrikaa hundi kan isaanii osoo taatee hawwan of keessaa qabaannee Afaan Ingliffaan duubatti hafuun fafa.

πŸ”₯ Finfinnee is the 3rd Global diplomatic Center, next to New York and Geneva

#BEL_ACADEMY #Grammar #Vocabulary #Spoken #Accents #listening #Reading #Writing


BEL ACADEMY

βœ… 01/10/2018.

βœ… Galmeen Gannaa Eegaleera.
Namni tokko qofti waan barsiisuuf Iddoo muraasa qabna.
dafaa Galmaa'a

Ijoollee keessan dursitanii bakka qabsiisuufii dandeessuu.
09-42-41-25-00 Buraayyuu
09-44-78-88-88 Jamoo

β˜€οΈ Kutaa 1-12 akkasumas University,
Sadarkaa barnootaa hunda

1 day ago | [YT] | 32

BEL ACADEMY

- MISSION ACCOMPLISHED!
MILKAA'EERA

Yeroo hundumaa daandiin tokko qofa akka hin taane agarsiisuun dirqama.

Dhalootni haa filatuu dha.
Yeroo mara yaadni tokko akka 'dominate' godheetti ka'uu hin qabuu dha.

Ol adeemaan har'a social media'tti dabalame tokko Uwwisni Miidiyaa dhibbantaan 90% ol waan tokko qofa gaafa ta'u jireenyi sanuma itti fakkaata.

Sun ta'uu hin qabuu dha. Daandiin biraanis jiraa dha.

Namni sa'a 24 keessatti waa'ee waan tokko si'a 20 maxxansu, ji'a 9'tti yoo si'a 2 haasofne keessa oolte nuun jechuu hin danda'u. Akka jaallattuu fi akka itti bashannantu Dubbatta taanaan, Akkan jaalladhu garuu ammatti sana caala dhimmoonni na yaachisan akka jiran dhukkubsee haasa'uu nan danda'a.

Social median kan garee tokkoo qofa miti. Yaadni faallaanis keessatti ka'uuf Heyyamaama dha.

Heera Biyya keenyaa Keeyyata 29 Mirga Yaoda ofii bilisaan ibsachuuti,

Article 29: 'RIGHT OF THOUGH, OPINION AND EXPRESSION,

Inumaayyu muraa ykn lakkoobsa 5 irratti akkas jedha.

Article 29/5 'limitations can be laid down in order to protect the well-being of the youth'

Odeeffannoon tokko hanga yaadamee ol yoo tamsa'e 'Fayyummaa dargaggootaa eeguuf Odeeffannoo murtaa'erra dhorkaan seeraa ke'amuu danda'a' jedha. So kamtu humnaa ol spread godhaa jira? Isinumti deebisaa

Akkasiin Waliigalle
- Bashannanuun mirga
- Namoonni ija hawaasaa dura jirtan Energy hojii dargaggootatti agarsiisaa, maxxansi keessan kan bashannanaa qofa ta'uu hin qabu kan jedhu yaada keenya ganamaati.

Mari'achuun wal arrabsuurra akkam.akka namatti tolu!

Masqaloo, Kumsaa, Lalisaa, Waaqoo, Eebbaa, Raajan, Haftee, kaanis
Galatoomaa!

1 week ago | [YT] | 236

BEL ACADEMY

Dhaloota ati dhadhaa yaadduuf dhagaa sitti darbata.

Inaaffaa kee dhugaa mullifachuurra sobaama fakkeessaa jiraachu wayya fakkaata.

Ofiis gara itti gorru wallaallee, ijoollee nu duubaa warra filannoo qaban, jireenyi kana malee waan hin jirre itti fakkeessinee, kufaatii ofii kufne akka isaanis kufanif haala mijeessuun keenya madaa luqqeettuuti.

Dhaloota ati waliin tattaafanna jettu lakki waliin Naafanna jedha.

Ijoollee waggaa 14 gadii Miliyoona 55 ol golaa qabna akka biyyaatti.

Golli kee ni dhimmisaa
Warra gamoof dilbii tuuleef dhimmita, falmitas

Kee Ooda Afrikaa πŸ˜“

Galgala Sa'a 3:00 irratti Qopheessummaa maree corner'tiin kara Tiktok Bel Academy wal argina.
TikTok keenya kunooti
Follow gochuun nu eegaa.

www.tiktok.com/@bel_academy?_r=1&_t=ZS-96og44r8jFX

1 week ago | [YT] | 397

BEL ACADEMY

πŸ”₯ We wish a joyful Eid al-Adha to all our Muslim brothers and sisters.πŸ’₯

1 week ago | [YT] | 191

BEL ACADEMY

Akkam jirtu
Jamoo- Furii- Night class sa'a 11:00'tti kibxata borii eegala.
Ammallee galmaa'uu dandeessu.
09-44-78-88-88

3 weeks ago | [YT] | 56

BEL ACADEMY

🌟 English bilbila qofaanπŸ”‹

πŸ“£ Namoonni baayyee nama waliin haasa'an dhabuudhaan rakkatu. Akka danqaattis kaasu.
Sun garuu amma sababa ta'uu hin danda'u. Itti fayyadama bilbila harka keenyaa baruu dha.
Akkamitti kan jedhu video kanarraa argattu.

▢️ Karaa YouTube BEL ACADEMY argattu.

🎚️ Share & subscribe
Link'n comment jala jira.

3 weeks ago (edited) | [YT] | 299

BEL ACADEMY

English bilbila qofaan

Namoonni baayyee nama waliin haasa'an dhabuudhaan rakkatu. Akka danqaattis kaasu.
Sun garuu amma sababa ta'uu hin danda'u. Itti fayyadama bilbila harka keenyaa baruu dha.
Akkamitti kan jedhu video kanarraa argattu.
Har'a galgala sa'a 12:00 karaa YouTube BEL ACADEMY argattu.
Share subscribe gochuun nu eegaa.

3 weeks ago | [YT] | 312

BEL ACADEMY

✍️ Wantoota tokko tokko akka hin milkeessine kan nu godhan tokko kallattii sirrii hin taaneen waan tokko milkeessuuf yaaluu dha.

πŸ‡ΊπŸ‡Έ Kun kan Afaaniiti.

Share waliif gochuun dhaggeeffachuu dandeessu.

https://youtu.be/gdKXK8XCQiA?si=n-VU1...

1 month ago (edited) | [YT] | 339

BEL ACADEMY

Galgala sa'a 12:00'tti karaa youtube BEL ACADEMY argattu
#share #subscribe gochuun nu eegaa.

1 month ago | [YT] | 492

BEL ACADEMY

Yeroo dargaggeessi of ajjeesu qofa miti kan waa'een dargaggeessa nu dhibu?

"JA koo wajjin English na barsiista"

Ja koo? JAAFARII Maqaan isaa jedheen itti qoose.

Torbeen 2 qofti akka ishee hafe osoon bareera ta'ee....

Lafti Oromiyaa Jiraachuuf nu gaha.
Midhaan Oromiyaa nyaataaf nu gaha.
Bishaan Oromiyaa dhuguuf nu gaha.
Maalif akka nuti wal nyaannu naan galle.

Yeroo waa ta'u qofti gad baanee boo'uun maal fayyada?

Yeroo lafti nagaa yeroo hunduu #Social_media irra burraaqu jireenyi nuti arginu sun soba akka ta'e, namni akka ofirratti xiyyeeffatu, dargageessi miiraan osoon taanee sammuudhaan akka geggeeffamu, ogummaa akka qabaatu, amantiisaatti akka jabaatu, hojiif akka kaka'u, akka baratu, akka hubatu, itti gaafatamummaan akka itti dhagahamu dhiibbaa yoo uumne ykn gad baanee yoo haasofne maal ta'a? Warri barattan, warri fuulli keessan namni beeku?
Yoomiif barattan? Yoomiif hayyoomtan? Jechi keessan lubbuu tokko jajjabeessu akka danda'u, hamilee itti horuu akka danda'u maalif hin yaaddan?

Wanta dandeeenyu hin goonu?
Wanta beeknu hin barsiisnuu?

Seenaa keessaatti dargaggeessa jireenyi bita galee fi of gowwoomsaa jiraatu of harkaa qabna.
Dargageessa hoji dhabdummaan, duwwummaan, jireenya namaa hordofuun of wallaalchise of harkaa qabna ammatti.

Beekamtiin Beekumsa malee ba'aadha. Sabni keenyallee sin qusatu.
Sammuu arraba dandamatu qabaachuu gaafata.

Namni aarii jireenyaa qabu tokko Kiilomeetira meeqa isinirraa fagaatee arraba dhaqna hin qabanneen yaada isiniif barreessee guyyaa keessan balleessuu danda'a.

Namoota afaan amaariffaan #content akkasii hojjetan hedduu argina, ammanatti hin arrabsaman. kan keenya kun baasuma. Wal nyaachuu ganamuma nuuf kenne fakkaata.

Wallaalumni, Baadiyyummaan nu miidhee jira. Kana beekumsa malee wanti cabsu hin jiru.

Nama dhiisnee ofiif haa jiraannu.
Jireenya namni hin beekne fi hin agarre kan sammuun keessan itti boqotu #internetii duubatti ijaarradhaa.

Obboleetti keenya har'a boqotte kana torban 2 dura program tokko irratti wal arginee na dubbisanii English nu barsiista JA koo wajjin jettee qoosaa turte. Sana dura qaamaan argee hin beeku, seenduubee ishees baayyee hin beeku.

Yaa Obboleettii koo Lafati hin jirretti jaalala keen maraataa jirra. Masoo ati dhagahuu hawwituun si waamaa jirra. Maqaa gurrikee hawwee dhabe siif baasaa jirra. Safuu jaalala keenya ammaa, Osoo kaatee argitee, lamuu deebitee hin duutu. Jiraa kee jibbinee reeffa kee jaallanne.

Reeffa dhiisnee nama haa jaallannu.
Boqodhu Giiftii !

1 month ago | [YT] | 350