Chaanaalii kana irratti barsiisa Islaamummaa dhugaa, seenaawwan dhugaa, fatwaawwan sirrii fi odeeffannoo fi oduuwwan madda amanamaa irraa maddan dhiyeessina.
🕋 Islaamummaa | 📖 Seenaa | 📜 Fatwaawwan | 🗞️ Oduu fi Odeeffannoowwan
Torbanitti yoo xiqqaate viidiyoowwan 3 ni dhiyeessina.
Chaanaalii keenya Subscribe godhaa, Like fi Share gochuun imala dhugaa fi barnootaa keenya deeggaraa.
On this channel, we present authentic Islamic teachings, true historical narratives, trusted fatwas, and reliable news and information.
Our goal is to enrich the understanding of our community by spreading truth, knowledge, and spiritual awareness.
🕋 Islam | 📖 History | 📜 Fatwas | 🗞️ News & Insights
We upload at least 3 videos every week,
Don’t forget to subscribe, like, and share to support this journey of truth and learning!
Darunaim Multimedia
#Seenaa Ajaa'ibaa Tokko har'a galgala Sa'aatii 3:00 ET irratti Eegadhaa.
3 days ago | [YT] | 3
View 0 replies
Darunaim Multimedia
TAFSIIRA QUR'AANAA GUUTUU | JUZ 30 : youtube.com/playlist?list=PLg...
1 month ago | [YT] | 1
View 0 replies
Darunaim Multimedia
https://youtu.be/BaxykTjorik
2 months ago | [YT] | 0
View 0 replies
Darunaim Multimedia
Qilleensi Hamaan tokko Ka’abaa irraa Uffata Ciree Ka’abaan guyyoota 21 qullaa ture jedha seenaan.
Barreessitoonni Seenaa Islaamaa, Ummata Muslimaa Qorumsi cimaan akkanaa Takkaahu isaan mudatee hin beeku jedhan. Dhufaatii Qorumsa kanaa dura waggoota xiqqoo wahii dursee ajiibni tokko Uumame jedhama. Qilleensi Hamaan tokko Ka’abaa irraa Uffata Ciree Ka’abaan guyyoota 21 qullaa ture jedha seenaan. Kana qofa osoo hin taane Iyyinsi Bakakkaa guyyoota lamaaf madiinaa irra ture jedhama.
Itti aansuun Sochiin lafaa madiinaa mudate, masjiidni ergamaa rabbii (s.a.w) inni madiinaa jirus hanga tokko irraa gubate jedha seenaan. Mallattooleen kuni hundi erga mul’atani booda Waggoota hedduu osoo hin turin Qormaanni hamaan Ummata muslimaa aadunyaa guutuu qabate tokko dhalate. "darunaim multimedia"
Seenaan Ajaa’ibaa Sirna Bulchiinsa Aadunyaa Tanaa guutumaan guututti jijjiire tokko dhalate, Seenaa dhala ilma namaa keessatti uumamee hin beekne, Seenaa Aduu guyyaa tokko Keessatti Namni 70,000 itti qalame, haati ulfaa ilmoo garatti baatte waliin qalamte, daa’imti dhalattuun siree irratti gorra’amte. Hambaan muslimtoota harki caalu akka seenaan isaan dagatu bara itti godhaman ture. Baldhinni seenaa kunooti...
WEERARA TAATTAAROTAA FI QORUMSA UMMATA MUSLIMAA - (Kutaa 1ffaa)
Jaarraa 7ffaa Hijiraa keessa ykn (jaarraa 13ffaa Akka Lakkoofsa Awurooppaatti), lola dhiigaa, seenaa dhala namaa keessatti mul'atee hin beeknetu addunyaa liqimse. Seenaa Keenyatti Seenuun Dura Mee Humnoota Jajjaboo yeroo sana Aadunyaa Irra jiran haa ilaalluu.
1.ffaa/ Uummata Islaamaa:
Yeroo sanatti Daangaan Bulchiinsa addunyaa Islaamaa baay'ee bal'aa fi walakkaa addunyaa kan bulchu ta'us, kutaalee xixiqqootti kan ciccitee fi kan hihirame ture. Khilaafaan Abbaasiyaa akka qaama ol-aanaatti kan muudame maqaaf qofa malee, aangoo dhugaa tokko iyyuu hin qabu ture.
● Khaliifonnis rakkoo uummata Islaamaa furuu mannaa, faayidaa mataa isaanii hordofuu irratti kan muddaman turan.
● Hindii, Khawaarizim, Hijaz, Yemen, Shaam, Masrii, biyyoota Kaaba Afrikaa biroo, Andaalus, Turkii fi Filisxiin hunduu bulchitoota Muslimaa mataa isaanii kan qaban yoo ta'u, bulchitoonni kunneen waliin wal-loluu fi wal-shakkuu irratti kan xiyyeeffatan turan.
● Sababoonni kunneen hundi walitti dabalamanii humnaa fi kabaja Ummata Islaamaa laaffisani jiru."darunaim multimedia"
2ffaa/. Waraana Masqalootaa (Crusaders):
Humni inni biraa 2ffaan yeroo sana Aadunyaa irra jiru humna warra masqalaa yoo tahu, humnoonni waraana masqalaa Awurooppaa, kufiitii Yeroo Salaahaddiin Al-Ayiyuubii isaan irra gaheen booda, madaan isaanii hin fayyine ture. Yeroo sana irraa eegalee Muslimoota dadhabsiisuuf humna haaraa barbaadaa turan. Muslimoota weeraruu fi lafa isaan jalaa fudhatame (Qudsiin) deeffachuuf hawwiin qaban ammas ol’aanaa ture.
Aadunyaan haala kana irra osoo jirtuu, humni cimaan TATTAAR jedhamu tokko ka’umsa isaa mongooliyaa godhachuudhaan, aadunyaa guutuu weeraraan dhuunfachuu eegale. Weerarri Taattaaronni gaggeessan yommuu yaadatamu, akka lola kamiyyuutti qofaa kan ilaalamu osoo hin taane, akka kufiitii (civilization) guddaa tokkoo fi dhufaatii ykn ka'umsa humna gara-jabeessa biraatti fudhatama.
GARUU TATTAARONNI Eenyu laata?
TATAMSA’INA DHALA NAMAA FI HUNDEE TAATTAAROTAA.
Zamana Nabi Nuuhii (Nageenyi Rabbii isa irra haa jiraatuu) keessa, ajaja rabbiitiin bishaan dachii fi samiidhaa walitti yaa’ee ilmi namaa dachii tana irra jiru guutuun dhumee ture. Yeroo sana kan hafe nabi Nuuhii fi warra isa waliin doonii sana yaabbatan qofa turan. dhalli namaa har’a aadunyaa guutuu keessatti argamu hundi, ilmaan nabi Nuuhii sadan guyyaa sana doonii sana keessa turan irraa babal’ate jedha seenaan.
Hayyoonni seenaa Aadunyaa (akka Ibnu Kasiir fi Xabarii) hundee ilmaan namaa kan tahan, ilmaan nabi Nuuhii sadan eenyufaa akka tahan haala armaan gadiitiin ibsanii jiru:
Saam (Shem): Abbaa uummattoota Giddu-galeessa Bahaa Arabaa fi uummata Faarsii. Ummattoonni biyyoota baha giddu galeessaa, biyyoota akka iiran fi iiraaq akkasumas biyyoota arabaa hundi sanyii ilma nuuhii saam jedhamuuti jedhama.
Kaam (Ham): ilmi nabi nuuhii inni 2ffaa Haam kan jedhamu yoo tahu inni abbaa ummattoota afrikaa (uummata gurraachaa) fi uummata ardii Hinditi jedha seenaan.
Yaafis (Japheth): Ilmaan nabi Nuuhii keessaa inni sadaffaa fi seenaa keenya har’aatiin wal qabatu ammoo Yaafiis kan jedhamu yoo tahu, inni Abbaa uummata Turkii, Chaayinaa, Kooriyaa, Raashiyaa fi Taataarotaa (Mongoolotaa) ti.
Akka seenaan himutti, uummanni sodaatamoon Yaajuuj fi Maajuujis sanyii Yaafis kanarraa kan maddaniidha. Taattaaronni maddi isaanii ilma nabi Nuuhii sadaffaa sanyii Yaafis kanarraa yommuu ta'an, bakki jireenya isaaniis lafa garmalee qorraa biyya Mongooliyaa keessa ture.
Uummanni kun qaroomina magaalaa irra fagoo kan tahanii fi jireenya Tikfattootaa kan jiraatanii akkasumas lafti isaan irra jiraatan bosonaan kan uwwifame ture. beelaa fi dheebuuf kan hin injifatamne, akkasumas fardaan gulufuu fi xiyya darbatuu keessatti daran kan dandeettii qaban turan. Humnoonni jallinaa hammam yoo garaagarummaa qabaatanis, dhugaa balleessuuf walitti dhufuun isaanii waan dhokatu miti. Masqaloonni waggaa dheeraadhaaf kufaatii muslimtootaa hawwaa turan, Taattaarotaaf "harka mirgaa" ta'uun isaanii waan eegamudha. Isaanis kanuma godhan.
Bezantaayinoonni Mongoolonni jabaachaa dhufuu isaanii yommuu dhaga’an, kilomeetira kuma 12 ol qaxxaamuruun ergamtoota gara Mongooliyaatti erguu jalqaban. Khilaafaan Abbaasiyaa fiixee dadhabinaa irra akka jiru, addunyaan Muslimaa guutummaatti isaan dura dhaabbachuu akka hin dandeenye fi qabeenya Abbaasiyootaa kan lakkaa'amee hin dhumne tarreessuun mongoolota kakaasuu eegalan.
Baagdaad warqee fi qabeenyaan guutamtee jirti, Muslimoonni immoo gargar hiramaniiru; amma yoo weerartan addunyaan kan keessan taati" jechuun Taattaarota kakaasan. Akkasumas, isaan gargaaruuf qophii ta'uu isaanii ibsuun addunyaa Muslimaa akka weeraran gochuu keessatti gahee guddaa taphatan. "
Taattaaronni gara bulchiinsa Islaamaa dhufuu isaaniitiin dura, addunyaan Muslimaa irra gubbaa isaatiin bal’aa fi humna-qabeessa haa fakkaatu malee, keessoon isaa garuu "akka muka tortoree" ta’ee ture."darunaim multimedia" Khaliifaa Baagdaad kan ture, maqaa isaatiin qofaa "Hogganaa Muslimootaa" jedhama malee, humni isaa inni dhugaan dallaa Baagdaad hin dabru ture. Khaliifonni biyyoota gara garaa bulchan qananii fi qabeenya kuusuudhaan waan qabamaniif, humni waraanaa xiyyeeffannoo dhabee ture.
Bulchiinsi Islaamaa yeroo sana gara "Sultaanota" gurguddaatti ciccitee ture.
● Biyyi (Iiraan, Afgaanistaan fi Uzbeekistaan har’aa) mootummaa Khawaarizim, Muhammad Shaah’tiin
● Biyyi (Masrii fi Shaam) mootummaa Ayyuubiyyootaa ’tiin
● Biyyoonni kaaba afrikaa fi Andaluus (biyyi Ispeen har’aas) Mootummaa mataa isaaniitiin buluudhaan aadunyaan islaamaa mootummoolee heddutti ciccitee ture.
Kan nama dinqu ammoo, hoggantoonni Muslimaa kunniin hundi isaanii diina isaanii waliin wal-loluu mannaa, ofii isaaniiti walitti bu’uu fi tokko isa kaan kuffisuuf diina waliin hariiroo uumuu keessatti muddamaa turan. Qorumsi (fitnaan) kun walitti dabalamuudhaan Aadunyaa islaamaa humna dhabsiisee ture. Aadunyaan haala kana keessa osoo jirtuu Humni hamaan TATTAAR jedhamu hogganaa isaanii JINKIIZ KHAAN jedhamuun durfamuun Aadunyaarra babal’achuu eegale."darunaim multimedia"
Gara boodaa irra Jinkiiz Khaan jedhamuudhaan kan moggaafame (Temujin), yeroo inni mucaa xiqqaa turetti abbaan isaa kan jalaa ajjeefamee fi maatii isaa waliin bosona keessatti gatamee haala ulfaataa keessatti kan guddateedha jedha seenaan. Jireenyi hadhaawaan inni keessa dabree guddate kuni keessoo isaatti, nama dhala namaatiif rahmata hin qabne, dhiiga dheebotu fi eenyummaa hamaa isa keessatti uumee guddate.
● Yeroma guddatu fi humni isaas jajjabaatu Gosoota Mongooliyaa bittinnaa’anii fi wal waraanaa turan gara-jabummaa fi humnaan tokko taasise.
● Haala nama dinquun, biyyoota har'aa kan akka Chaayinaa, Kooriyaa, Veetnaam, Saayibeeriyaa, Mongooliyaa, Taayilaand, Neepaal fi Maayinaamaar yeroo gabaabatti bulchiinsa isaa jala galche.
● Yeroo Xiqqoo keessatti amantii haaraa bifa seera baasuu fakkaatuun mongoolotaaf uumuudhaan, amantii Yaasaak jedhamu jalatti ummata walitti qabuu eegale.
Amantiin Kun Jinkiiz Khaanin kan qophaa’e yommuu ta'u, Islaamummaa, Kiristaanummaa fi aadaa Mongooliyaa irraa kan walitti qabameedha. Seerri isa keessa jiru baay’ee jabaa fi mootichaaf ajajamuu guutuu kan gaafatu ture. Seerota amantichaa keessaa inni tokko “yeroo waraanaa namni baqatu hunduu adabbiin isaa du’a qofa ture.”
● Akka hayyuun guddaan Ahmad Zayinii Daahlaan jedhanitti, "Taataaronni ummata amantii hin qabne, sirna gaa’elaa kan hin beekne fi jireenya halaalaa fi haraama hin qabne kan jiraatan akka ta'an ibsama. Tattaaronni Weerara isaanii eessa irraa jalqaban laata? " ITTI FUFA...
Seenaa kana video laaluu yoo barbaaddan: https://youtu.be/GnOeH6-Yg50
Fedhii seenaan kun akka itti fufuuf qabdan irratti hundaa’uudhaan, Kutaan 2ffaan itti fufa. Yoo fedhii qabaattan like godhaa.
Barreessee kan dhiheesse Ibn Ahmed, Darunaim Multimedia irraa,
TIKA RABBII KEESSA JIRAADHAA!
MADDOOTA SEENAA (Kitaabota):
The Fall of Baghdad
The Mongol art of the war
الكامل في التاريخ - ابن الأثير
جامع التواريخ - رشيد الدين الهمذاني
Genghis Khan and the Making
of the Modern World by Jack Weatherford
3 months ago | [YT] | 1
View 0 replies
Darunaim Multimedia
#Daily_Hadith_Afan_Oromo #DailyHadith
Sadarkaa guddina aayata lameen dhuma
suuraa baqaraa.
Abbaa mas'uudirraa odeeffamee nabiin keenya s.a.w. akkana jedhan jedhe "namni halkan hundaa dhuma suuraa baqaraa irraa aayata lama qarae isaaf
geessi."
Bukhaariifii muslimtu odeesse lafziin kan
bukhaariiti.
Namni hadiisa kana odeesse.
Inni abbaa mas'uud uqbaa ilma amriiti.beellama aqabaa tan lammaffaa irratti argamee jira. umriidhaan irra xiqqaa warreen achirratti argamaniiti. Uhudiifii lola achi boodaas hunda hirmaatee jira. Eegasii magaalaa kuufaatti mana jaaratee gale. Aliyyi r.a. yeroo lola saffiinitti bahu bulchaa godina kuufaa godhee isa filee ture.
Hadiisni inni odeesse 102 gayee jira. Waggaa hijraa 42 madiinatti due.
Ergaalee hadiisa kanaa irraa argannu.
1-Aayata kana lameen halkan hundaawu qara'uun sababaa namni ittiin kheyrii argatee hamtuu jalaa itti tiyfamuudha.
2-Aayata kana lameen halkan hundaawu qara'uun hariiroo gabrichi rabbiin wajji qabu namaaf jajjabeysiti.
3- namni muslimaa hundi aayata tana lameen
haffazuun barbaachisaadha.
3 months ago | [YT] | 4
View 0 replies